23 Utuma inni isaanii wajjin haasaʼaa jiruus, kunoo Filisxeemichi namni biyya Gaat inni goota taʼee fi Goliyaad+ jedhamu ni dhufe. Inni loltoota Filisxeemotaa warra hiriira galanii dhaabbatan gidduudhaa gad baʼee, wantuma sana dura dubbachaa ture yommuu dubbatu+ Daawit isa dhagaʼe.