-
Baʼuu 15:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Achiis Miiriyaam raajittiin ishiin obboleettii Aaron taate dibbee fudhatte; dubartoonni hundis dibbee rukutaa fi shubbisaa ishii duukaa buʼan. 21 Miiriyaamis dhiirota jalaa qabdee akkana jettee faarfatte:
“Ulfinni isaa guddaa waan taʼeef Yihowaa faarfadhaa.+
Inni farda sanaa fi abbaa fardaa sana galaanichatti darbateera.”+
-