-
2 Saamuʼel 9:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis Daawit, “Namni mana Saaʼol keessaa hafee fi ani Yonaataaniif jedhee jaalala amanamaa itti argisiisuu dandaʼu jiraa laata?” jedhe.+
-
-
2 Saamuʼel 9:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Mootichis itti fufee, “Namni mana Saaʼol keessaa hafee fi ani jaalala Waaqayyoo isa amanamaa itti argisiisuu dandaʼu jiraa?” jedhee isa gaafate. Ziibaanis, “Amma iyyuu ilmi Yonaataan tokko jira; inni miilli isaa lamaan naafa dha”+ jedhee mootichaaf deebise.
-
-
2 Saamuʼel 9:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Mefibosheet ilmi Yonaataan ilmi Saaʼol yommuu gara Daawititti seenu, yeruma sana adda isaatiin lafatti gombifamee sagade. Achiis Daawit, “Mefibosheet!” jedhee isa waame; innis, “Oo, gooftaa koo” jedhee isaaf deebise. 7 Yeroo kanatti Daawit, “Hin sodaatin; ani abbaa kee Yonaataaniif jedhee jaalala amanamaa sitti nan argisiisa;+ lafa akaakayyuu kee Saaʼol hundumaa siifan deebisa; atis yeroo hundumaa maaddii koo irraa ni nyaatta”*+ isaan jedhe.
-