-
1 Saamuʼel 25:14-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Yeroo kanatti tajaajiltoota Naabaal keessaa tokko akkana jedhee Abigaayil haadha manaa Naabaalitti hime: “Kunoo, Daawit lafa onaa keessaa gooftaa keenya nagaa gaafachuuf ergamtoota isaa ergee ture; inni garuu itti iyyee isaan arrabse.+ 15 Namoonni sun nuuf baayʼee gaarii turan. Takkaa illee nu miidhanii hin beekan; yeroo isaanii wajjin dirree keessa turre hundumaatti wanti tokko illee nu jalaa badee hin beeku.+ 16 Yeroo nuyi bushaayee keenya tiksaa isaanii wajjin turre hundumaatti halkanii fi guyyaa akka dallaa eegumsaa nuuf taʼanii turan.
-