-
1 Seenaa Baraa 15:27, 28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Daawit akkuma Leewwota Taaboticha baachaa turanii fi akkuma faarfattoota hundumaa sanaatti, akkasumas akka Kenaaniyaa isa hojii Taabota baachuu irrattii fi faarfattoota irratti ajajaa taʼe sanaa qoloo baʼeessa uffatee ture; kana malees, Daawit efuudii quncee talbaa irraa tolfame uffatee ture.+ 28 Israaʼelonni hundi ililchuudhaan,+ sagalee xurumbaatiin,* sagalee malakataatiin,+ sagalee siimbaaliitiin, akkasumas meeshaa muuziqaa ribuu qabuu fi baganaa+ sagalee isaa guddisanii taphachuudhaan taabota kakuu Yihowaa fidaa turan.
-