-
1 Seenaa Baraa 19:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yeroo booda Amoononni Daawit biratti akka waan xiraaʼaatti ilaalamuu isaanii ni hubatan; kanaafuu, Hanuunii fi Amoononni Mesophotaamiyaa,* Aaraam Maʼaakaa fi Zoobaadhaa+ gaariiwwan fardaa fi abbootii fardeenii mindeessuuf meetii taalaantii* 1,000 ni ergan. 7 Akka kanaan isaan gaariiwwan fardaa 32,000, mootii Maʼaakaa fi namoota isaa mindeeffatan. Achiis isaan dhufanii Medebaa+ fuuldura buufatan. Amoononnis magaalota isaanii keessaa baʼanii walitti qabamuudhaan, waraanaaf gad baʼan.
-