-
1 Seenaa Baraa 19:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Daawitis waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu, yeruma sana Israaʼelota hundumaa walitti qabee Yordaanosiin ceʼee gara isaanii dhaquudhaan akka isaan waraananiif tarree isaan galche. Daawit warra Sooriyaa waraanuuf tarree isaan galche; isaanis isaa wajjin wal waraanan.+ 18 Haa taʼu malee, warri Sooriyaa Israaʼel duraa ni baqatan; Daawitis warra Sooriyaa keessaa namoota gaarii fardaa oofan 7,000 fi loltoota lafoo 40,000 ni ajjeese; Shofaak isa ajajaa raayyaa waraanaa taʼes ni ajjeese. 19 Tajaajiltoonni Hadaadʼezeer Israaʼelotaan moʼamuu+ isaanii yommuu argan, yeruma sana Daawitii wajjin nagaa uumanii isaaf bitamuu jalqaban;+ warri Sooriyaas sana booda Amoonota gargaaruu hin barbaanne.
-