-
2 Saamuʼel 12:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Achiis Naataan gara mana isaa deeme.
Yihowaanis ilma haati manaa Uuriyaa Daawitiif deesse ni rukute; innis ni dhukkubsate.
-
-
2 Saamuʼel 12:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Daawit tajaajiltoonni isaa yommuu walitti hasaasan argee mucichi duʼuu isaa hubate. Tajaajiltoota isaas, “Mucichi ni duʼee?” jedhee gaafate. Isaanis, “Eeyyee ni duʼe” jedhanii isaaf deebisan.
-
-
2 Saamuʼel 13:10-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Yeroo kanatti Amnoon Taamaariin, “Harka kee irraa fudhadhee akkan nyaadhuuf, nyaaticha* gara kutaa ciisichaatti naa fidi” jedhe. Kanaafuu, Taamaar bixxillee tolchite sana fuutee Amnoon obboleessa ishiitiif kutaa ciisichaatti isaaf geessite. 11 Yommuu ishiin bixxillee sana akka inni nyaatuuf isaaf geessitus ishii qabee, “Yaa obboleettii too, kottuu anaa wajjin ciisi” ishiidhaan jedhe. 12 Ishiin garuu akkana isaan jette: “Hin taʼu, yaa obboleessa koo! Na hin salphisin; wanti akkanaa Israaʼel keessatti raawwatamuu hin qabu.+ Wanta nama qaanessu kana hin raawwatin.+ 13 Salphina akkanaa akkamittan baadhee jiraachuu dandaʼa? Atis Israaʼel keessatti namoota salphoo taʼan keessaa akka isa tokkootti ni ilaalamta. Ammas maaloo, mooticha gaafadhu; innis anaan si hin dhowwatu.” 14 Inni garuu ishii dhagaʼuu dide; humnaan ishii irra caalee ishii gudeeduudhaan ishii salphise. 15 Sana booda Amnoon akka malee ishii jibbe; jibbi isaas jaalala sana dura ishiidhaaf qabu irra kan caalu taʼe. Innis, “Kaʼi, asii baʼi!” ishiidhaan jedhe.
-
-
2 Saamuʼel 15:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Daawitis yeruma sana tajaajiltoota isaa warra isaa wajjin Yerusaalem keessa jiran hundumaatiin, “Tokkoon keenya illee Abishaalom jalaa miliquu waan hin dandeenyeef, kaʼaa, haa baqannu!+ Inni dafee nu bira gaʼee nu balleessuu fi magaalattiis goraadeedhaan rukutuu waan dandaʼuuf dafaa haa baqannu!”+ jedhe.
-