24 Yaa Waaqa koo Yihowaa, akka qajeelummaa keetti naaf murteessi;+
Isaan rakkina na irra gaʼetti akka gammadan hin godhin.
25 Isaan matumaa garaa isaaniitti, “Ishoo! Wanta barbaanne arganneerra” hin jedhin.
Isaan matumaa, “Isa liqimsineerra” hin jedhin.+