LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 1:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Deessistoonni sunis Faraʼooniin, “Dubartoonni Ibrootaa akka dubartoota Gibxii miti. Isaan ciccimoo dha; utuu deessistuun gara isaanii hin dhufinis daʼanii ishii eegu” jedhan.

  • Iyyaasuu 2:3-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yeroo kanatti mootiin Yerikoo, “Isaan kan dhufan guutummaa biyyattii basaasuuf waan taʼeef, namoota dhufanii mana kee keessa jiran gad baasi” jedhee Rahaabitti dhaamsa erge.

      4 Dubartittiin garuu namoota lamaan sana fuutee dhoksite. Achiis akkana jette: “Dhugaa dha, namoonni sun gara koo dhufanii turan; eessaa akka dhufan garuu hin beeku. 5 Galgala yommuu karri magaalattii cufamuuf jedhutti baʼanii deemaniiru. Eessa akka dhaqan garuu hin beeku; daftanii yoo isaan hordoftan isaan ni dhaqqabdu.”

  • 1 Saamuʼel 19:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Miikaal Daawit baqatee miliquu akka dandaʼuuf, yeruma sana karaa foddaa gad isa buuste.

  • 1 Saamuʼel 19:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Saaʼolis Daawitiin akka fidaniif namoota erge; ishiin garuu, “Inni dhukkubsateera” isaaniin jette.

  • 1 Saamuʼel 21:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Daawitis akkana jedhee Ahimelek lubichaaf deebise: “Mootichi wanta tokko akkan godhu na ajajeera; haa taʼu malee, ‘Waaʼee ergama ani itti si erge kanaa fi waaʼee qajeelfama ani sii kenne kanaa eenyu iyyuu waan tokko illee akka hin beekne’ naan jedheera. Namoota koo wajjinis bakka taʼe tokkotti wal arguuf beellama qabadheera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi