-
2 Saamuʼel 9:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Mootichis itti fufee, “Namni mana Saaʼol keessaa hafee fi ani jaalala Waaqayyoo isa amanamaa itti argisiisuu dandaʼu jiraa?” jedhee isa gaafate. Ziibaanis, “Amma iyyuu ilmi Yonaataan tokko jira; inni miilli isaa lamaan naafa dha”+ jedhee mootichaaf deebise. 4 Mootichis, “Eessa jira?” jedhee isa gaafate. Ziibaanis, “Mana Maakiir+ ilma Amiʼel isa Loo Debaaritti argamu keessa jira” jedhee mootichaaf deebise.
5 Daawit Mootichis yeruma sana nama ergee mana Maakiir ilma Amiʼel isa Loo Debaaritti argamu keessaa isa fichisiise.
-