1 Saamuʼel 17:49 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 49 Daawit harka isaa korojoo isaa keessa galchee dhagaa tokko fudhatee furrise. Filisxeemichas adda isaa irra ni rukute; dhagichis adda isaa keessa gad lixe; namichis lafa irratti adda isaatiin ni gombifame.+ Faarfannaa 44:3 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 Isaan lafattii kan dhaalan goraadee isaaniitiin hin turre,+Injifannoo kan isaaniif argamsiises irree isaanii hin turre.+ Kanaa mannaa, ati waan isaanitti gammaddeef,+Kana kan argatan harka kee mirgaatiin,+ irree kee fi ifa fuula keetiitiin ture. Faarfannaa 44:5 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 5 Humna keetiin diinota keenya ariinee deebisna;+Maqaa keetiinis warra nu irratti kaʼan irra ni ejjenna.+
49 Daawit harka isaa korojoo isaa keessa galchee dhagaa tokko fudhatee furrise. Filisxeemichas adda isaa irra ni rukute; dhagichis adda isaa keessa gad lixe; namichis lafa irratti adda isaatiin ni gombifame.+
3 Isaan lafattii kan dhaalan goraadee isaaniitiin hin turre,+Injifannoo kan isaaniif argamsiises irree isaanii hin turre.+ Kanaa mannaa, ati waan isaanitti gammaddeef,+Kana kan argatan harka kee mirgaatiin,+ irree kee fi ifa fuula keetiitiin ture.
5 Humna keetiin diinota keenya ariinee deebisna;+Maqaa keetiinis warra nu irratti kaʼan irra ni ejjenna.+