-
2 Seenaa Baraa 2:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yeroo kanatti Hiiraam mootiin Xiiros ergaa barreeffamaa, “Yihowaan saba isaa waan jaallatuuf, ati mootii isaanii akka taatu godheera” jedhu Solomoonitti ni erge. 12 Achiis Hiiraam akkana jedhe: “Inni Daawit Mootichaaf ilma ogeessa+ dandeettii waa madaaluu fi hubannaa qabu+ isa mana Yihowaadhaaf taʼuu fi mana mootummaa isaatiif taʼu ijaaru waan kenneef, Yihowaan Waaqni Israaʼel inni samii fi lafa uume haa jajamu.
-