-
1 Seenaa Baraa 28:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis Daawit pilaanii+ ijaarsa barandaa+ sanaa fi kutaawwan manichaa, kutaawwan mana kuusaa, kutaawwan baaxii irraa, kutaawwan warra keessaa fi mana qadaadni araaraa+ keessa kaaʼamuu* ilma isaa Solomooniif ni kenne. 12 Innis pilaanii ijaarsaa isa hafuuraan isaaf kenname hundumaa, jechuunis mooraawwan+ mana Yihowaa, kutaawwan nyaataa manichatti marsanii jiran hundumaa, manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa fi manneen kuusaa wantoota qulqulleeffamanii*+ isaaf ni kenne;
-