-
2 Seenaa Baraa 6:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 “Isaan irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe+ samiin cufamee bokkaan roobuu yommuu didutti,+ ati gad waan isaan qabdeef* isaan gara iddoo kanaatti kadhannaa yoo dhiheessan, maqaa keetiif ulfina yoo kennanii fi cubbuu isaanii irraa yoo deebiʼan,+ 27 samii keessaa isaan dhagaʼiitii cubbuu tajaajiltoota kee saba Israaʼeliif dhiifama godhi; daandii isa gaarii irra deemuu qaban isaan barsiisi;+ biyya kee isa saba keetiif dhaalaan kennite irrattis bokkaa roobsi.+
-