-
2 Seenaa Baraa 9:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kana malees, mootichi ilka arbaa irraa teessoo guddaa tokko hojjetee warqii qulqulluudhaan ni uwwise.+ 18 Kortoon gara teessichaatti ol baasu jaʼa jira ture; ejjenni miilaa warqii irraa tolfamee teessichaa wajjin wal qabsiifame tokko jira ture; teessichi garasii fi garanaan wanta harka irra kaaʼatan qaba ture; bocawwan leencotaa+ lamas wanta harka irra kaaʼatan bira dhaabbatanii jiru turan. 19 Kortoowwan jaʼan sana irras bocawwan leencotaa+ 12 dhaabbatanii jiru turan; isaanis tokkoon tokkoon fiixee kortoowwan jaʼan sanaa irra jiru turan. Mootummaan wanta akkanaa hojjete kan biraan hin jiru ture.
-