-
2 Seenaa Baraa 9:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Miʼawwan Solomoon Mootichi itti dhugu hundi warqii irraa kan tolfaman turan; miʼawwan Mana Bosona Libaanon jedhamu keessa jiran hundis warqii qulqulluu irraa kan tolfaman turan. Bara Solomoonitti meetiin akka waan gatii hin qabneetti waan ilaalamuuf, wanti meetii irraa tolfame tokko illee hin jiru ture.+ 21 Tajaajiltoonni Hiiraam+ dooniiwwan mootichaa oofanii gara Tarshiishitti+ deemu turan. Dooniiwwan Tarshiish waggaa sadiitti siʼa tokko warqii, meetii, ilka arbaa,+ qamaleewwanii fi xaawusoota* feʼanii dhufu turan.
-