-
2 Seenaa Baraa 10:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yeroo kanatti inni, “Guyyaa sadii booda gara kootti deebiʼaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, namoonni sun ni deeman.+ 6 Rooboʼaam Mootichis, “Namoota kanaaf deebii akkamii akkan kennu na gorsitu?” jedhee maanguddoota* yeroo abbaan isaa Solomoon lubbuudhaan turetti isa tajaajilaa turanii wajjin mariʼate. 7 Isaanis, “Ati uummata kanaaf gaarii yoo taatee fi yoo isaan gammachiiste, akkasumas deebii gaarii yoo isaaniif kennite, isaan yeroo hundumaa tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii isaaf deebisan.
-