LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 10:8-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Haa taʼu malee, inni gorsa maanguddoonni* isaaf kennan fudhachuu didee, dargaggoota isaa wajjin guddatanii fi amma tajaajiltoota isaa taʼanii wajjin mariʼate.+ 9 Inni, “Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nu irratti feʼe nuu salphisi’ naan jedhan kanaaf deebii akkamii akka kenninu na gorsitu?” jedhee isaan gaafate. 10 Dargaggoonni isaa wajjin guddatan sunis akkana isaan jedhan: “Namoota, ‘Abbaan kee waanjoo keenya nutti ulfaachiseera; ati garuu nuuf salphisi’ siin jedhaniin akkana jedhi: ‘Qubni koo ishiin xinnoon mudhii abbaa koo irra ni furdatti. 11 Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irratti feʼeera; ani garuu waanjoo keessan caalaatti nan ulfaachisa. Abbaan koo alangaadhaan isin adabeera; ani garuu alangaa wanta nama wawwaraanu qabuun isin nan adaba.’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi