LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 10:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Kanaafuu, Faraʼoon hatattamaan Musee fi Aaroniin waamee akkana isaaniin jedhe: “Ani Waaqa keessan Yihowaa irrattis taʼe isin irratti cubbuu hojjedheera. 17 Amma maaloo, cubbuu koo kana qofa naaf dhiisaa; dhaʼicha duʼa fidu kana qofa akka ana irraa balleessuufis Waaqa keessan Yihowaa naaf kadhadhaa.”

  • Lakkoofsa 21:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Kanaafuu, sabichi gara Musee dhufee, “Nuti Yihowaa fi siin morminee dubbachuudhaan cubbuu raawwanneerra.+ Bofawwan kana akka nu irraa balleessuuf Yihowaa nuuf kadhadhu” jedhe. Museenis sabicha bakka buʼee ni kadhate.+

  • Ermiyaas 37:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Zedeeqiyaan Mootichis Yehukaal+ ilma Shelemiyaa fi Sefaaniyaa+ ilma Maaʼaaseyaa isa luba taʼe sana, “Maaloo, gara Waaqa keenya Yihowaatti kadhannaa nuu dhiheessi” jedhanii akka itti himan gara Ermiyaas raajichaatti isaan erge.

  • Hojii Ergamootaa 8:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Simoonis deebisee, “Wanta isin jettan keessaa tokko illee akka ana irra hin geenyeef Yihowaatti* wawwaannaa naaf dhiheessaa” isaaniin jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi