-
2 Seenaa Baraa 11:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Rooboʼaam haadhotii manaa fi saajjatoota* isaa hundumaa+ caalaa Maʼaakaa ishii intala intala Abishaalom turte ni jaallata ture; inni haadhotii manaa 18 fi saajjatoota 60 qaba ture; akkasumas, ijoollee dhiiraa 28 fi ijoollee durbaa 60 ni dhalche. 22 Kanaafuu, Rooboʼaam mootii isa gochuu waan barbaadeef, obboloota isaa irratti dura buʼaa fi geggeessaa godhee Abiyaa ilma Maʼaakaa ni muude.
-