-
Isaayyaas 44:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Namni garaa isaatti xiinxalee
Yookiin beekumsa qabaatee yookiin hubannaa qabaatee,
“Walakkaa isaa nan bobeesse,
Ibidda isaatiinis daabboo tolchee, foonis waadee nan nyaadhe.
Maarree isa irraa hafeen wanta jibbisiisaa tolchuun qabaa?+
Muka* hoo waaqeffachuun qabaa?” jedhu hin jiru.
20 Inni daaraa ni nyaata.
Garaan isaa inni gowwoomfame karaa irraa isa jalʼiseera.
Inni of* oolchuu hin dandaʼu
Yookiin, “Wanti harka mirgaa koo irra jiru soba dha mitii?” hin jedhu.
-