-
2 Seenaa Baraa 18:12-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Kanaafuu, namichi Mikaayaa waamuuf deeme sun, “Ilaa, wanti raajonni tokko taʼanii mootichatti dubbatan gaarii dha. Maaloo, dubbiin kees dubbii isaanii wajjin tokko haa taʼu;+ atis wanta gaarii dubbadhu” isaan jedhe.+ 13 Mikaayaan garuu, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, wantuma Waaqni koo jedhun dubbadha” jedhe.+ 14 Achiis gara mootichaatti seene; mootichis, “Mikaayaa, Raamot Giiliyaadiin waraanuuf dhaqu moo dhiisu?” jedhee isa gaafate. Innis yeruma sana, “Dhaqaa; milkaaʼina ni argattu; isaan harka keessanitti dabarfamanii ni kennamu” jedhee isaaf deebise. 15 Yeroo kanatti mootichi, “Maqaa Yihowaatiin dhugaa isaa malee wanta kan biraa akka natti hin himne yeroo meeqan si kakachiisa?” isaan jedhe. 16 Kanaafuu inni, “Israaʼelonni hundi akka hoolota tiksee hin qabneetti gaarota irratti faffacaʼanii nan arga.+ Yihowaan, ‘Isaan kun gooftaa hin qaban. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan gara mana mana isaaniitti haa deebiʼan’ jedheera” jedhe.
-