-
1 Saamuʼel 9:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Harroonni* Qiish abbaa Saaʼol yommuu badanitti, Qiish ilma isaa Saaʼoliin, “Maaloo, tajaajiltoota keessaa isa tokko fudhadhuutii dhaqi harroota sana barbaadi” jedhe. 4 Isaanis naannoo gaarotaa Efreemii fi naannoo Shaalishaa keessa ni darban; garuu harroota sana hin arganne. Naannoo Shaʼaaliim keessa darbanii deeman; garuu harroonni sun achi hin turre. Guutummaa biyya Biiniyaam keessas ni darban; garuu harroota sana hin arganne.
-