-
2 Mootota 10:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Bakka sanaa yommuu deemus Yonaadaab+ ilma Reekaab+ argate; innis isaa wajjin wal arguuf dhufaa ture. Yehuunis erga nagaa isa gaafatee* booda, “Akkuma garaan koo garaa kee wajjin taʼe, garaan kee guutummaatti anaa wajjin jiraa?”* isaan jedhe.
Yonaadaabis deebisee, “Eeyyee, sii wajjin jira” jedhe.
Yehuunis, “Taanaan, harka kee naaf kenni” isaan jedhe.
Kanaafuu, inni harka isaa isaaf ni kenne; innis harkisee gara gaarii fardaa sanaatti ol isa baase.
-
-
Ermiyaas 35:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Isaan garuu akkana jedhan: “Nuti daadhii wayinii hin dhugnu; sababiin isaas, Yonaadaab+ ilmi Reekaab inni abbaa keenya taʼe ajaja akkana jedhu nuu kenneera: ‘Isinis taatan ilmaan keessan yoom iyyuu daadhii wayinii dhuguu hin qabdan.
-
-
Ermiyaas 35:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Sanyii Yonaadaab ilma Reekaab keessaa namni na duratti tajaajilu matumaa hin dhabamu.”’”
-