-
2 Mootota 11:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Waggaa torbaffaattis, Yehoyaadaan ajajjoota dhibbaa Kaarota warra eegdota taʼanii fi eegdota mana mootummaa*+ taʼan irratti aangoo qabanitti dhaamsa ergee mana Yihowaatti gara isaa akka dhufan godhe. Isaanii wajjin walii galtee* erga godhee fi mana Yihowaa keessatti erga isaan kakachiisee boodas ilma mootichaa isaanitti argisiise.+
-
-
2 Mootota 11:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Haa taʼu malee, Yehoyaadaan lubichi ajajjoota dhibbaa+ warra raayyaa waraanaa irratti muudamaniin, “Tarree sana gidduudhaa ishii baasaa; eenyu iyyuu yoo ishii duukaa buʼe, goraadeedhaan isa ajjeesaa!” jedhee ajaje. Lubichi, “Mana Yihowaa keessatti ishii hin ajjeesinaa” jedhee ture.
-