-
Uumama 13:14-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Loox isa irraa erga addaan baʼee booda Yihowaan Abraamiin akkana jedhe: “Maaloo, ol jedhiitii bakka jirtu kana irraa gara kaabaa fi gara kibbaa, akkasumas gara bahaa fi gara dhihaa ilaali; 15 sababiin isaas, ani biyya ilaaltu kana hundumaa sii fi sanyii keetiif dhaala dhaabbataa godhee nan kenna.+ 16 Ani sanyii kee akka biyyoo lafaa nan godha; akkuma biyyoon lafaa lakkaaʼamuu hin dandeenye, sanyiin kees lakkaaʼamuu kan hin dandeenye taʼa.+
-