-
2 Seenaa Baraa 25:25-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Yoʼaas+ ilmi Yehoʼahaaz mootiin Israaʼel erga duʼee booda, Amaaziyaan+ ilmi Yoʼaas mootiin Yihudaa waggaa 15f ni jiraate.+ 26 Seenaan Amaaziyaa inni hafe, jalqabaa kaasee hamma dhumaatti, Kitaaba Mootota Yihudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera mitii? 27 Yeroo Amaaziyaan Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagalee jalqabee, isaan Yerusaalem keessatti isa irratti ni mariʼatan;+ innis gara Laakiishitti baqate; haa taʼu malee, isaan isa duubaan gara Laakiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan. 28 Achiis fardeen irratti feʼanii isa deebisan; abbootii isaa wajjinis magaalaa Yihudaa keessatti isa awwaalan.
-