4 Kanaafuu, ani mana Hazaaʼel irratti ibidda nan erga,+
Innis masaraawwan Benhadaad warra ciccimoo ni nyaata.+
5 Ani danqaraawwan Damaasqoo nan cabsa;+
Jiraattota Biqaat Aweenii fi
Isa Beet Eedan keessa taaʼee bulchu sana nan balleessa;
Namoonni Sooriyaas boojuudhaan gara Qiiritti ni fudhatamu”+ jedha Yihowaan.’