-
Isaayyaas 22:20-24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “‘Guyyaa sanatti Eliyaaqiim+ ilma Hilqiyaa isa tajaajilaa koo taʼe nan waama; 21 uffata kee isatti nan uwwisa, sabbata kee mudhii isaatti cimsee nan hidha,+ aangoo* kees harka isaatti dabarsee nan kenna. Innis jiraattota Yerusaalemii fi mana Yihudaatiif abbaa ni taʼa. 22 Furtuu mana Daawitis+ gateettii isaa irra nan kaaʼa. Balbala inni banu namni tokko illee hin cufu; balbala inni cufus namni tokko illee hin banu. 23 Ani akka fannootti iddoo dhaabbataa irratti isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa. 24 Isaanis ulfina* mana abbaa isaa hundumaa, sanyiiwwanii fi ijoollee,* miʼawwan xixinnoo hundumaa, saaniiwwan golboo, akkasumas hubboowwan* guguddoo hundumaa isa irratti ni fannisu.
-