-
Isaayyaas 10:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Yihowaan hojii Gaara Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti hojjetu hundumaa yommuu xumurutti, addaggummaa garaa isaatiin, boonuu isaa fi of tuulummaadhaan ilaaluu isaatiin kan kaʼe mootii Asoor ni* adaba.+ 13 Sababiin isaas, inni akkana jedheera:
‘Ogeessa waanan taʼeef, harka koo isa jabaadhaan,
Ogummaa kootiinis kana nan godha.
-