-
Leewwota 25:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Waggaa torbaffaan garuu biyyattiidhaaf sanbata guutummaatti itti boqotamu, jechuunis sanbata Yihowaa haa taʼu. Maasii kee irratti sanyii hin facaasin yookiin muka wayinii kee hin gondolin. 5 Wanta midhaan sassaabame irraa hafee ofii isaatiin biqile hin haamin; wayinii muka wayinii hin gondolamne irra jirus hin sassaabin. Lafattiin waggaa guutummaatti itti boqottu haa qabaattu. 6 Haa taʼu malee, nyaata yeroo sanbata ishiitti biyyattii keessatti biqile nyaachuu ni dandeessu; ati, garboonnii fi garbittiiwwan kee, namoonni mindeeffamanii siif hojjetan, akkasumas namoonni biyya ormaa sii wajjin jiraatan isa nyaachuu ni dandeessu;
-