-
Uumama 19:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Maleekonni lamaan sun gara galgalaa biyya Sodoom gaʼan; Looxis karra Sodoom bira taaʼaa ture. Loox yommuu isaan argu, isaan simachuuf kaʼe; adda isaatiinis lafatti gombifamee sagade.+ 2 Achiis, “Maaloo, yaa gooftolii koo, gara mana ana tajaajilaa keessaniitti goraatii as bulaa; miilli keessanis isiniif haa dhiqamu. Achiis ganamaan kaatanii karaa keessan qajeeluu dandeessu” isaaniin jedhe. Yeroo kanatti isaan, “Lakki, addabaabayii keessa bulla” jedhan. 3 Inni garuu cimsee waan isaan kadhateef, isaa wajjin gara mana isaa dhaqan. Achiis affeerraa isaaniif qopheesse; maxinoo isaaniif ni tolche; isaanis ni nyaatan.
-
-
Abbootii Murtii 13:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Yeroo kanatti Maanoʼaan maleekaa Yihowaatiin, “Maaloo, xobbaallaa reʼee tokko qopheessinee hamma siif dhiheessinutti asuma turi”+ jedhe.
-