-
1 Seenaa Baraa 6:31-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Kanneen kun Taabotichi achi akka taaʼuuf erga dhufee booda warra Daawit faarfannaa mana Yihowaa keessatti faarfatamu akka geggeessaniif muude turan.+ 32 Isaan hamma Solomoon Yerusaalem keessatti mana Yihowaa ijaaretti,+ faarfannaa godoo qulqulluu dunkaana walgaʼii keessatti faarfatamuuf itti gaafatamummaa qabu turan; tajaajila isaaniis akkuma ajaja isaaniif kennametti raawwatu turan.+ 33 Warri ilmaan isaanii wajjin tajaajilan kanneen kana dha: Ilmaan Qehaatotaa keessaa Hemaan+ faarfaticha, ilma Yooʼel,+ ilma Saamuʼel,
-