18 Sana booda isaan gara Hisqiyaas Mootichaatti seenanii akkana isaan jedhan: “Nuti guutummaa mana Yihowaa, iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatuu+ fi miʼawwan isaa hundumaa,+ akkasumas minjaala daabboon wal irra tuulamu irra kaaʼamuu+ fi miʼawwan isaa hundumaa qulqulleessineerra.