-
2 Mootota 23:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Sana booda mootichi namoota Yihudaa hundumaa, jiraattota Yerusaalem hundumaa, lubootaa fi raajota dabalatee isa xinnaa irraa hamma isa guddaatti namoota hundumaa wajjin gara mana Yihowaatti ol baʼe. Dubbii kitaaba+ kakuu+ isa mana Yihowaa keessatti argame+ sana irra jiru hundumaa utuma isaan dhagaʼanii ni dubbise.
-
-
2 Seenaa Baraa 17:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yoshaafaax daandiiwwan abbaan isaa Daawit isa dura irra deemaa ture irra waan deemeef,+ akkasumas Baʼaaliin waan hin barbaaddanneef, Yihowaan isaa wajjin ni taʼe.
-
-
2 Seenaa Baraa 17:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Isaanis Yihudaa keessatti barsiisuu jalqaban; yeroo kanatti kitaaba Seera Yihowaa qabatanii turan;+ magaalota Yihudaa hundumaa keessa naannaʼaniis uummaticha ni barsiisan.
-