-
1 Mootota 6:31, 32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Kutaa isa keessaatti ittiin seenuuf akka taʼuufis, balbaloota muka gaattiraa, utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan, akkasumas maqaaniiwwan kutaa shanaffaa* godhee ni hojjete. 32 Balbaloonni lamaan sun muka gaattiraa irraa kan tolfaman turan; innis isaan irratti fakkii kiruubelotaa, fakkii mukeetii meexxii fi fakkii abaaboowwanii bocee warqiidhaan isaan uwwise; fakkii kiruubelotaa fi fakkii mukeetii meexxii sanas warqiidhaan ni uwwise.
-