-
1 Mootota 11:29-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Yeroo sanatti Yeroboʼaam Yerusaalemii baʼee utuu deemuu, Ahiyaan+ Shiiloonichi inni raajii taʼe karaa irratti isa argate. Ahiyaan uffata haaraa uffatee ture; dirree sana irras lamaan isaanii qofatu jira ture. 30 Ahiyaanis uffata haaraa uffate sana qabee bakka 12tti tarsaase. 31 Achiis Yeroboʼaamiin akkana jedhe:
“Erbee kurnan kana ofii keetiif fudhadhu; sababiin isaas, Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Kunoo, ani mootummicha harka Solomoon irraa tarsaasee, gosoota kudhan siif nan kenna.+
-