-
2 Seenaa Baraa 26:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Kana malees, Ooziyaan raayyaa waraanaa waraanaaf hidhate qaba ture. Isaanis garee gareedhaan gurmaaʼanii waraanaaf ni baʼu turan. Yeyiʼel inni barreessaa+ taʼee fi Maaʼaaseyaan inni geggeessaa taʼe, ajaja Hanaaniyaa isa bulchitoota mootichaa keessaa tokko taʼe jala taʼanii isaan ni lakkaaʼu, akkasumas ni galmeessu turan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 26:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Haa taʼu malee, inni akkuma jabaachaa deemeen, of tuuluudhaan badiisa ofitti fide; iddoo aarsaa ixaanaa irratti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa Yihowaatti seenuudhaan Waaqa isaa Yihowaadhaaf amanamaa utuu hin taʼin hafe.+
-