-
1 Mootota 12:22-24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Achiis dubbiin Waaqa dhugaa akkana jedhu gara Shemaayaa+ isa nama Waaqa dhugaa taʼeetti ni dhufe: 23 “Rooboʼaam ilma Solomoon mootii Yihudaatiin, guutummaa mana Yihudaa fi mana Biiniyaamiin, akkasumas namoota hafan kaaniin akkana jedhi: 24 ‘Yihowaan, “Isin Israaʼelota obboloota keessan taʼan waraanuuf ol hin baʼinaa. Ani kun akka taʼu waanan godheef, tokkoon tokkoon keessan gara mana mana keessaniitti deebiʼaa” jedha.’”+ Kanaafuu, isaan dubbii Yihowaatiif ajajamuudhaan akkuma Yihowaan isaaniin jedhetti gara mana mana isaaniitti deebiʼan.
-