LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 22:24-28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Yeroo kanatti Zedeeqiyaan ilmi Kenaʼaanaa Mikaayaatti dhihaatee kaballaadhaan isa rukute; achiis, “Hafuurri Yihowaa karaa kam na bira darbee sitti dubbate?” isaan jedhe.+ 25 Mikaayaanis, “Eessaan akka si bira darbe guyyaa dhokachuuf kutaa isa gara keessaatti seentu argita” jedhee isaaf deebise. 26 Achiis mootiin Israaʼel akkana jedhe: “Mikaayaa geessaatii Amoon isa ajajaa magaalattii taʼetti, akkasumas Yoʼaas isa ilma mootichaa taʼetti isa kennaa. 27 Akkana isaaniin jedhaa: ‘Mootichi, “Namicha kana mana hidhaatti galchaatii+ hamma ani nagaadhaan deebiʼutti nyaata muraasaa fi bishaan xinnoo qofa isaaf kennaa” jedheera.’” 28 Mikaayaan garuu, “Ati nagaadhaan yoo deebite, Yihowaan karaa koo hin dubbanne jechuu dha” isaan jedhe.+ Itti dabaluudhaanis, “Namoota nana, hundi keessan iyyuu kana dhagaʼaa” jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi