-
2 Seenaa Baraa 16:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Haa taʼu malee, Aasaan namicha mulʼata argu sanatti ni aare; dhimma kana ilaalchisee isatti waan aareefis mana hidhaatti* isa galche. Akkasumas, Aasaan yeroo kanatti namoota sabicha keessa turan kaanis miidhuu jalqabe.
-
-
2 Seenaa Baraa 18:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Achiis mootiin Israaʼel akkana jedhe: “Mikaayaa geessaatii Amoon isa ajajaa magaalattii taʼetti, akkasumas Yoʼaas isa ilma mootichaa taʼetti isa kennaa. 26 Akkana isaaniin jedhaa: ‘Mootichi, “Namicha kana mana hidhaatti galchaatii+ hamma ani nagaadhaan deebiʼutti nyaata muraasaa fi bishaan xinnoo qofa isaaf kennaa” jedheera.’”
-