-
1 Seenaa Baraa 12:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Namoonni yeroo inni Saaʼol ilma Qiishiin kan kaʼe akka garaa isaatti asii fi achi deemuu hin dandeenyetti+ gara Daawit isa Siqlaag+ keessa turee dhufan kanneen kana turan; isaanis loltoota jajjaboo warra waraana irratti isa gargaaran keessaa tokko turan.+ 2 Isaan iddaa kan qabatan turan; kana malees dhagaa furrisuuf+ yookiin iddaadhaan xiyya darbachuuf harka isaanii mirgaa fi harka isaanii bitaatti+ fayyadamuu dandaʼu turan. Isaan obboloota Saaʼol warra sanyii Biiniyaam+ taʼan turan.
-