LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 20:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Raayyaa waraanaa kana keessa namoonni filatamoon bitaacha taʼan 700 jiru turan. Namoonni kun hundi warra dhagaa furrisanii qalʼaa kutani dha.*

  • 1 Saamuʼel 17:49
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 49 Daawit harka isaa korojoo isaa keessa galchee dhagaa tokko fudhatee furrise. Filisxeemichas adda isaa irra ni rukute; dhagichis adda isaa keessa gad lixe; namichis lafa irratti adda isaatiin ni gombifame.+

  • 1 Seenaa Baraa 12:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Namoonni yeroo inni Saaʼol ilma Qiishiin kan kaʼe akka garaa isaatti asii fi achi deemuu hin dandeenyetti+ gara Daawit isa Siqlaag+ keessa turee dhufan kanneen kana turan; isaanis loltoota jajjaboo warra waraana irratti isa gargaaran keessaa tokko turan.+ 2 Isaan iddaa kan qabatan turan; kana malees dhagaa furrisuuf+ yookiin iddaadhaan xiyya darbachuuf harka isaanii mirgaa fi harka isaanii bitaatti+ fayyadamuu dandaʼu turan. Isaan obboloota Saaʼol warra sanyii Biiniyaam+ taʼan turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi