-
Lakkoofsa 9:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Israaʼelotaan akkana jedhi: ‘Isin gidduudhaa yookiin dhaloota keessan isa gara fuulduraa keessaa namni tokko reeffa tuquudhaan* yoo xuraaʼe+ yookiin karaa fagoo yoo deeme illee namni sun Yihowaadhaaf aarsaa Faasikaa qopheessuu qaba. 11 Isaan jiʼa isa lammaaffatti,+ jiʼicha keessaas guyyaa 14ffaatti yeroo dimimmisaaʼu* isa haa qopheessan. Maxinoo fi baala hadhaaʼaa wajjin isa haa nyaatan.+
-