-
Izraa 7:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 * “Arxeksis+ isa mootii moototaa taʼe irraa, Izraa lubicha isa garagalchituu* Seera Waaqa samiiwwanii taʼeef: Nagaan siif haa taʼu. Ammas 13 namoota bulchiinsa koo keessa jiraatan keessaa, saba Israaʼel keessaa, akkasumas luboota isaanii fi Leewwota isaanii keessaa sii wajjin gara Yerusaalemitti deemuu kan barbaadan hundi akka deeman ani ajaja kenneera.+
-