-
1 Seenaa Baraa 9:22-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Karra eegdota balbaloota sanaa akka taʼaniif kan filataman walumaa galatti lakkoofsi isaanii 212 ture. Isaan akka hidda dhalootaa isaaniitiin galmeeffamanitti+ gandeen isaanii keessa jiraatu turan. Daawitii fi Saamuʼel inni mulʼata argu,+ namoota kana iddoo amanamummaa gaafatu irratti ni muudan. 23 Isaanii fi ilmaan isaanii tajaajila eegumsa karrawwan mana Yihowaa, jechuunis mana dunkaanichaa ol aantummaadhaan toʼatu turan.+ 24 Karra eegdonni karaa afuriin, jechuunis karaa bahaa, karaa dhihaa, karaa kaabaa fi karaa kibbaa jiru turan.+ 25 Obboloonni isaaniis guyyaa torbaaf isaanii wajjin tajaajiluuf yeroo yeroodhaan gandeen isaanii keessaa baʼanii dhufu turan. 26 Iddoo amanamummaa gaafatu irratti ajajjoonni* karra eegdota taʼan afur jiru turan. Isaan Leewwota turan; kutaawwan* sanaa fi manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa keessattis itti gaafatamummaa qabu turan.+ 27 Isaan halkan guutuu iddoo isaanii qabatanii mana Waaqa dhugaatti marsanii bulu turan; isaan hojii eegumsaa ni hojjetu, furtuu ni qabatu, akkasumas ganama ganama manicha ni banu turan.
-