LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Seenaa Baraa 9:22-27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Karra eegdota balbaloota sanaa akka taʼaniif kan filataman walumaa galatti lakkoofsi isaanii 212 ture. Isaan akka hidda dhalootaa isaaniitiin galmeeffamanitti+ gandeen isaanii keessa jiraatu turan. Daawitii fi Saamuʼel inni mulʼata argu,+ namoota kana iddoo amanamummaa gaafatu irratti ni muudan. 23 Isaanii fi ilmaan isaanii tajaajila eegumsa karrawwan mana Yihowaa, jechuunis mana dunkaanichaa ol aantummaadhaan toʼatu turan.+ 24 Karra eegdonni karaa afuriin, jechuunis karaa bahaa, karaa dhihaa, karaa kaabaa fi karaa kibbaa jiru turan.+ 25 Obboloonni isaaniis guyyaa torbaaf isaanii wajjin tajaajiluuf yeroo yeroodhaan gandeen isaanii keessaa baʼanii dhufu turan. 26 Iddoo amanamummaa gaafatu irratti ajajjoonni* karra eegdota taʼan afur jiru turan. Isaan Leewwota turan; kutaawwan* sanaa fi manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa keessattis itti gaafatamummaa qabu turan.+ 27 Isaan halkan guutuu iddoo isaanii qabatanii mana Waaqa dhugaatti marsanii bulu turan; isaan hojii eegumsaa ni hojjetu, furtuu ni qabatu, akkasumas ganama ganama manicha ni banu turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi