-
Izraa 9:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yeroo aarsaan midhaanii inni galgalaa itti dhihaatuttis+ uffanni koo fi qoloon koo akkuma tarsaʼee jirutti, gadda koo irraa nan kaʼe; achiis jilbeenfadhee harka koo gara Waaqa koo Yihowaatti nan diriirse. 6 Achiis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa koo, dogoggorri keenya mataa keenya irratti waan baayʼatee fi yakki keenya hamma samiitti waan tuulameef, yaa Waaqa koo, ani fuula koo gara keetti ol kaasuuf nan qaanaʼe, nan saalfadhes.+
-