-
Leewwota 5:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 “Namni* tokko wantoota Yihowaan raawwatamuu akka hin qabne ajaje kam iyyuu gochuudhaan cubbuu yoo raawwate, kana kan godhe utuu itti hin yaadin yoo taʼe iyyuu, yakkamaa ni taʼa; balleessaa isaatiifis itti gaafatama.+ 18 Inni akka gatii shallagametti aarsaa yakkaatiif bushaayee isaa keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko gara lubichaatti haa fidu.+ Achiis lubichi dogoggora inni utuu hin beekin raawwateef araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.
-