- 
	                        
            
            Daaniʼel 4:34, 35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
- 
                            - 
                                        34 “Yommuu barri sun xumuramutti+ ani Nebukadnezaar gara samiitti ol nan ilaale; hubannaan koos naaf deebiʼe; Isa Hundaa Olii sana nan jajadhe, isa bara baraaf jiraatu sanaaf jajannaa fi ulfina nan kenne; sababiin isaas, bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa ti, mootummaan isaas dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.+ 35 Jiraattonni lafaa hundi homaatti iyyuu hin lakkaaʼaman; inni raayyaa samii fi jiraattota lafaa gidduutti akkuma fedhii isaatti ni hojjeta. Isa* dhowwuus taʼe, ‘Maal gochuu kee ti?’+ isaan jechuu kan dandaʼu hin jiru.+ 
 
-