1 Daariyos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, jiʼa jaʼaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa jalqabaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu karaa Haagee+ raajichaa gara Zarubaabel+ ilma Saalaatiʼel bulchaa Yihudaa fi gara Iyyaasuu ilma Yehozaadaaq luba ol aanaa ni dhufe: